Thu. Jun 13th, 2024

Loading

Shamarreen Tsaggaa Balaachoo jedhamtu kan eegduu Kantiibaa Magaalaa Hawaasaatiin butamte turte gadhiifamteetti

Torban darbe Shamarreen  Tsaggaa Balaachoo jedhamtu kunn Eegduu kantiibaa Magaalaa Hawaasaatiin butamtee turuun ishee kan yaadatamu yoo tahu guyyaa Har’aa kanaa nagaadhaan Magaalaa Hawaasaa seentee jirti jedhameera.

Odeeffannoon gara Sanaa ba’e Akka mul’isutti dargageessi ishee Bute Yohaalaamaabirat Waldamariryaam garuu Bosonatti Baqatee bade kan jiru yoo tahu Hordofii Poolisii jala akka jiru beekmaeera.

Maatiin Shamarree kanaa akka jedhanitti shamarreen kun yeroo ammaa kana qaamni ishee nagaa tahuu ibsaa qorannoo dhaaf garuu ammayyuu waajjira poolisii akka jirtuu fii Xiinsammuu isheef gorsi garagaraa akka godhamuuf ibsanii jiru. Dhimma kanaan wal qabsisee poolisiin Magaalaa hawaasaa Shakkamtoota 6 to’atanii akka jiranii fi Dhimmi ishee ammallee itti fufee qorannoon akka godhamu ibsaa, Yakkamaa kana barbaaduun seeratti dhiyeessuu irratti akka aramanis beekmaee jira.

Madda : Beteseb Tube.

By alexoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *