Tue. Jan 14th, 2025

Loading

Maqaan Mucaa Qoraan Baatee jiru kanaa Galataa Danboobii jedhama, Umurii kanatti Qoraan gurguree maatii isaa gargaaruun  jiraatu

Bakki dhaloota mucaa kanaa Godina Gujii A/Adoolaa Reedee, Bulichinsa maagaala oddoo uraagaa, Ganda cambee samarroo jiraata.

Miidiyaa hawaasummaa irratti Suuraan mucaa kanaa qoodamuu dhaan Namoonni heedduun Gaddi itti dhagaa’amee, amma mucaa kanaaf Barnoota isaa hanga sadarkaa ol aanootti sponser aka godhuobboleessi suuraa irratti argitan kun kan maqaan isaa  obbo Abera Saru jedhamu waadaa seenee ture, haa tahu malee Odeessa haarawaa baheen amma ammoo mucichaayyu guddifachaan gara Ameerikaatti akka fudhatu maatii mucaa kanaa waliin illee marii taasisuun walii galtee irra gaahamee jira. Oduu dansaa dha.

Yeroo gabaaba keessatti process n ni eegalama. Gara USA Amerikaa deemee  barnoota isaa baratee  mucaan kun ofii isaaf maatii isaa illee ni jijjjiira. Obbolooti haala kana mijeessitan ulfaadhaa.

Madda : Sharu Huluka

By alexoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *