Maqaan ishee Faarfattuu Altaayyech Galataa jedhamti. Godina Qeellam Wallaggaa , Dambidoolloo,Aanaa Sayyooo,Ganda Abbaa Jaarraa Jedhamtutti dhalatte.
Isheenis maatii Kiristaanotaa irraa kan dhalatte tahuu baatus,Daa’immummaa isheetti Gooftaa kan fudhatte dha. Faarfattuun kun bakka dhaloota isheetti gooftaa fudhattus garuu tajaajila isheetti guddina kan eegalte magaalaa Dambidoolloo, Waldaa Guutuu wangeelaa Lakkoofsa 2tti dha.
Albeema Faarfannaa ishee isa jalqabaa Bara 1998 yoo hojjette yoo tahu kunis deggersuma Waldaa Guutuu wangeelaa lakkoofsa 2 kanaan hojjetameef.
Erga magaalaa Dambidoolloo baatees magaalaa Finfinnee kan jiraachaa turtee fi koonfiraansiiwwan garaagaraa tajaajilaa kan turte dha.
Faarfattuu Altaayyech tajaajila faarfannaa kennaa turteen jaallatamummaa fi fudhatamummaa guddaa Amantoota biraa kan argattee turte dha.
Faarfattuun kun Albeemii 5 kan hojjette yoo tahu Albeemni ishee 2ffaan bara 2000 hojjetame, kan 3ffaan bara 2004 , akkasumas Albeemni ishee inni 4ffaan bara 2009 kan hojjetamee fi inni dhumaa Albeemni ishee 5ffaan mata duree “IN DARBAAM” jedhuun xumura bara 2015 hojjetamee eebbifamee ture.
Faarfattuu Altaayyech jireenya ishee keessatti jalqabumaa eegaltee rakkinoota hedduu kan dabarsite yoo tahu, yeroo garaagaraatti tajaajila ishee kana keessatti wangeelaaf gatii guddaa kan kaffaltee turte dha.
Faarfattuu Altaayyech Yaaliib gaahela hundeeffachuu taasistus kan hin milkaayiin hafeefii Daa’ima hin godhanne dha.
Faarfattuun Altaayyech dhukkubsataa turuun erga yaaliin garaa garaa taasifamaafii tureen booda gara abbaa ishee isa bara baraan bira jiraattuu gaafa Sadaasa 24,2017 A.L.H deemteetti.