Tue. Jan 14th, 2025

Loading

Waggoota 60 oliif wangeela  lallabaa kan turan dhibee isaan mudatee tureen yaalaarra osoo jiranii umurii isaanii ganna 82 irratti du’aan kan isaan boqotan.

kutaalee Itoophiyaa hedduu fi biyyoota adunyaa hedduurra deemuun wangeela barsiisuun beekamu.

Mul’ata ‘Ye Kefita Zemen Le Ethiopia’ jedhu barreessanii waan Itoophiyaa keessatti mudachuuf jiru hedduu raagan. Isaanis Luba ballinaa Saarkaati.

Luba Bal’inaa Saarkaa Godina Wallaggaa Lixaa, Aanaa Boojji Dirmajjii, Amuumaa Heennaatti bara 1934 dhalatan.

Barnoota isaanii kutaa 1ffaa hanga 7ffaatti Mana Barumsaa Boojjii Dirmajiitti baratan. Akkuma kutaa torbaffaa xumuraniin waggaa tokkoof leenjii barsiisotaa fudhatanii Najjootti waggaa sadiif barsiisaa turan.

Barnoota isaaniin kutaa 8ffaa osoo hin baratin qormaata kutaa 8fffaa qoramuun  qabxii 75 fidanii leenjii barsiisota miisiyoonii tti waggoota 2f erga leenji’anii booda gara Najjootti deebi’uun  barsiisota baadiyaa leenjisaa turan.

Barsiisonni huccuu, dhagaa, biyyoo, supheefi mukarraa wantoota adda addaa hojjetanii akka barsiisaniif yeroo itti himan yaadasaanii tole jedhanii fudhachuu waan didaniif isaanis leenjii barsiisotaaf kennaa turan dhaabanii gara Naqamtee deemanii kutaa 5ffaaa fi 6ffaa barsiisaa turan.

Yeoo sana barumsa ‘tarmii’ sadiin kennamu ‘tarmii’ lamatti waan xumuraniif barsiisonni mana barumsichaa ‘barattootatti baacaa jira malee barsiisaa hinjiru’ jedhanii daarektara mana barumsichaatti isaan himatan.

Daarektarri mana barumsichaas barattoota isaaniitiif gaaffiilee kudhan qopheessee wayita qoru, barattoonni daqiiqaa shan keessatti qormaata sana hojjetanii xumuran. Ammas  Isa booda barattoota ala baasee gaaffiilee 20 qopheessuun wayita qoru barattoonni hundi isaanii daqiiqaa 15 keessatti hojjetanii xumuran.

Daarektarri kun  kunoo sirriitti barsiisee xumureerawoo maal goonu jedhee barisiisota yoo mariisisu, barumsa Ministeerri Barnootaa qopheesse yeroo malee xumuruunsaa iyyuu sirrii miti jedhanii deebisaniif.

Sababuma kanaan mana barumsichaa gadhiisanii gara Gimbii deemanii kutaa 11ffaa barachuu eegalan.

Barumsa jalqabanii tarmii tokko erga xumuranii booda barsiisaa Afaan Amaaraa barsiisu waliin wal lolanii barumsa isaanii addaan kutanii gara Naqamteetti deebi’uun torbanitti guyyaa sadii Amaariffa ji’a sadiif qarshii 40n barsiisaa erga turanii booda, qarshii 250n barsiisaa Macaafa Qulqulluu ta’anii mindeeffaman. Sanbataafi Dilbata ammoo gara baadiyyaa naannawa magaalaa Naqamteetti ba’anii barsiisaa turan.

Kana booda waldaa isaaniirraa Finfinnee, Seminaariitti barumsaaf ergaman. Barumsa erga jalqabanii booda ammoo akka isaan ari’amaniif waldaan isaan ergite xalayaa irratti barreessite. Waggaa tokko baratanii erga galanii booda hojii barsiisummaatti ykn barumsa Seminaariitti akka deebi’an gaafachuun gara barumsaatti deebi’an.

Yeroo boqonnaa isaaniis wangeela barsiisaa turan. Bara 1969 barumsa Seminaarii xumuranii Naqamtetti deebi’anii hojjechuu eegalan.

Lubni kun Erguma gara wangeelaatti dhufanii tajaajila eegalaniillee jagnummaa qabaachuu isaaniifii  saba isaaniif kan quuqaman akkasumas waa’ee Oromoo fi Oromiyaaf akkaan akka isaan kadhatantu himama.

Imala tajaajilaa hedduu kan dabarsan Lubi Bal’inaan lukaan deemanii tajaajiluurraa, gara fardaan deemanii tajaajiluu, fardaan deemanii tajaajiluu irraa ammo gara konkolaataan deemanii tajaajiluu akkasumallee kana hundarra darbuun  tajaajilli isaanii guddatee Waggoota 19 dura  gara  biyya Jarman tajaajilaaf deemanii turan.

Wayita sanatti   torban sadii tajaajiluun guyyaa sadii ammoo boqonnaa fudhachuun tsoomaaf kadhatatti ol galuu kan himan lubni kun  biyya Jarman wayita argan akka hedduu gaddan himanii turan. Sababni isaas Jarmaniin biyya keenya waliin wal bira qabanii gaafa ilaalan laga caakkaa fi mana addaa wayii akka itti fakkaate ibsu.

Lubni kun yeroo tsoomaaf kadhata eegalanitti waaqayyo waan Itiyoophiyaaf ta’un sitti agarsiisa jedhee kaartaa baneefii Ertiraa dabalatee waan baay’ee akka itti agarsiisee fi albuuda gosa 18 kan barbaadamee hin argamne cimaa ta’e arguu af gaaffii taasisanii turan irratti dubbataniiru.

Akka mul’ata isaaniitti, Affaar, Shawaa Kaabaa, Walloo Kaabaafi Boorana keessatti albuudota gosa 18tu argama. Tigraay, Sidaamoo Wallaggi tokkon tokkon isaanii keessatti ammoo albuudota 20 oltu argama. Albuudni boba’aa biyyattiirra darbee biyyoota biroo ga’uufi biyyoota arabaa caalu Affaar, Somaalee, Baaroo Akoobootti akka argamuufi boba’aan Itiyoophiyaa keessaa ba’u kan biyyoota biroo irra kan caalu ta’a.

Lubni kun waan argan kana barreeffamaan taasisanii kitaabatti jijjiiruun akkasumas suur sagaleen hojjechuun dhiheessanii turan, haata’u malee namoonni hedduun akka waan sana hin fudhannee fi hin amanne  himan.

Lubni Bal’inaan mul’ata kana waggoota19 dura kan argan yoo ta’u, kitaabni Mul’ata isaanii kun mata duree “Bara Olkaafamuu Itiyoophiyaa” jechuun bara 1998 Afaan Oromoofi Amaariffaan maxxanfamee gabaarra jira.

Kunis guddina dinagdee Itoophiyaa irratti kan xiyyeeffatu yoo tahu isaan keessaa daandii gurguddaan Finfinneetii hanga Afrikaa Kibbaa fi Kaameeruunitti akka bahu dubbatanii ture.

Daandiin Finfinneetii bahee Keeniyaatti qaxxamuruun hanga Lamuutti deemu ijaaramaa jira. Pirojektiin LAPSET kun hanga Afrikaa Kibbaatti kan diriiru yoo tahu, dubbii kana waggoota dheeraa dura Waaqayyo irraa dhagahe jedhanii barreessanii ture.

Dabalataan Luba Bal’inaa Saarkaa waa’ee humna ibsaa Itoophiyaa akkas jedhanii barreessanii ture.

Humni ibsaa biyya keenyaa qilleensa irraa, ifa aduu irraa fi bishaan irraa madda. Kun ammoo gara biyyoota ollaa akka Sudaan, Eertiraa, Somaaliyaa fi Keeniyaatti ergama.Kana irraa Itoohiyaan galii guddaa argatti,’’ jedhanii ture.

Osoo bilbilli harkaa kun hin dhufiin dura bilbilli shiboo hin qabne nama hunda harka gala. Qonnaan bulaanillee qabateema lafa qonna isaa deema jedhan.

Daandiin baaburaa Sudaan irraa, Keeniyaa, Somaaliyaarraa, Jibuutii fi Eertiraa irraa gara biyya keenyaatti gala jedhan.

Baaburri kun ammoo meeshaalee hedduu biyya keenya keessaa gara alaatti fe’u, biyya alaa irraas galchu jedhan.

Itoophiyaa keessa haroowwan bishaanii hedduun jiru. Luba Bal’inaan naannoo kuufama bishaaniitti hoteelonni gurguddoo hedduun ijaaramu jedhan.

Keesummoonni hedduun gara kana dhufanii akka bashannan dubbatan.

Albuudotni akka warqee naannoo Tigiraay keessa, Wallagga keessa sibiilotni, Meetiin, nikeelii, aluminiyeemii, warqee fi dhagaan cilee hedduun akka argamus dubatan.

Boba’aan ammoo Baaroo Akooboo, Sulula Qinxaamaa, fi Affaar keessatti akka argamu dubbataniiru.

Waggaa kudhan waggaa rakkinaa, ciniinsuu fi ce’umsaati jedhan. Barri kun bara jibbaa, jeequmsaa fi du’aati jedhan.

Kan lammaffaa ammoo bara Rakkinni waggaa 100 kan itti hiikamudha jedhan. Bara kana keessa namni yerootti dammaquun hojiitti fiigudha jedhan.

Waggaa kudhan isa sadaffaatti ammoo rakkinni waggaa 500 kan itti nurraa ka’udha jedhan.

Rakkinni waggaa 500 yoo hiikamu guddinni Itoophiyaa bakka guddaa gahee Jaappan har’aan wal qixxaattitti jedhee kaartaa Jaappaan natti agarsiise Waaqayyo jedhan.

Luba Bal’inaa Saarkaa mul’atni argan kun kan saba hundaa fi amantaa hunda keessa jiranii akka tahe himan.

Maxxansa jalqabaa afaan Oromootiin 5000 maxxansuun waggaa 5 guutuu kan gurgurame ta’uu fi ammallee akka  hin dhumne  bara 2022 af gaaffii taasisan irratti himan. Afaan  Amaaraatiin ammoo waggaadhuma sana keessa gara kitaaba 40,000 gurguramuufii ergasiis hedduu gurguruu himu.

Lubni Bal’inaa Sarkaa yeroo tajaajila isaanii keessatti bu’aa ba’ii hedduu kan dabarsan yoo ta’u, Afaan Oromootiin yoo dubbatte deebitee waltajjii kanarra hin dhaabattu jedhanii doorsifamuun  Waaqayyo akkasitti na uume jedhanii falmaa turan.

Dhaloota sagalee Wangeelaa obaasanii,nyaachisanii,guddisanii baay’een  akka ija godhatan taasisaniiru.

Gama jireenya hawaasummaatiinis gahee guddaa kan bahataniif nama fakkeenyaa kan ta’an lubni kun; Yoo Manni fincaanii hin jiraanne Mana fincaanii qotuun, Mana barumsaatti yoo ijoollee muujaleen nyaattee muujalee keessaa baasuun miilla dhiquuf turan. Quuqama guddaa namaaf kan qaban, yoo namni kophee ciccitaa uffatellee ni aaru turan.

Lubni Bal’inaan Amantaa isaa irratti akkasumas  oromummaa isaanii irratti nama gatii guddaa baasanii fi wal gargaaruu wal danda’uu , eenyummaa ofiirratti cichuun dhalootaaf fakkeenya gaarii nama  ta’aniidha.

Hanga ammaatti  Tajaajiltoota 158 kennaa Ayyaanaa Hafuurri Qulqulluun isaanitti agarsiiseen muudaniiru.

Si’a 14  Hidhamanii dhuma irraatti ammoo Du’is itti murtaa’ee tureera.

Guyyaa du’i itti murtaa’e Mangistuu Haayilamaariyam Finfinneedhaa gara Magaalaa Naqamtee qonnaa Dhidheessaa daawwachuuf dhufnaan warri waldaa ‘namicha kanarratti du’i murtaa’eeraa itti nuuf mallatteessi’ jedhanii gaafatan. Mangistuunis  “ani nama ajjeessuuf hin dhufne” jedhee deebi’ee sokkinaan mana sirreessaatii ba’uu akka danda’antu himama.

Mana sirreessaatii akkuma ba’aniin Arjoofi Saassiggaatti waldaa ijaaruu jalqaban. Yeroo kana ammoo ‘’Lubi Bal’inaan dabballeedhaa irraa of eeggadhaa’’ jedhanii isaan rakkifnaan bara 1973 gara Finfinneetti baqatan.

Kana boodas Finfinnee Waldaa Makaana Yesuusii Inxooxxootti mindeeffaman. Waldattiittis utuma jibbamanii ari’atamanii waggaa 12 gaggeessan. Utuma kanaan jiranii Awustiraaliyaa deemanii Wangeela barsiisuuf yeroo qophaa’anitti guyyaa beellama isaanii ganamaan qabamanii gara buufata poolisiitti geeffamanii sa’aatii 24:00 booda gadi lakkifaman.

Guyyoota muraasa booda Awustiraaliyaa deemanii ji’a tokkoof erga achi turanii booda Finfinneetti yeroo deebi’an xalayaan mana waldaan kenniteef guyyoota sadii keessatti akka bahan akkeekkachiisu itti kenname.

Manicha keessaa ba’uu dinnaan guyyoota afur booda poolisoonni sadii dhaqanii manicha keessaa akka ba’aniif akeekkachiisan. Manicha waldittii utuu hintaane Makkaana Yesuusii Itiyoophiyaatu anaaf kenne jechuun akka keessaa hinbaane itti himan. Haaluma kanaan waldittiitti utuu hin barsiisiin manicha keessa waggaa 13 erga turanii booda waggaa jahaan dura mana ijaarratanii ba’an.

“Itoophiyaa akka haadha koottan jaalladha. Maaliif akka ta’e garuu hin beeku kan jedhan Lubni Bal’inaan”  Waaqayyo akka biyyattii eebbisuuf waggoota 25f kadhachaa akka turan eeru.

Lubni  Bal’inaan Wayita lubbuun jiran Waggoota  62f  wangeela  lallabuun,  ulfina guddaa akka ta’e himuun. “Baroota kana hundumaa keessatti immoo saba Oromoo sabni biraan itti balleesse malee, Oromoo saba biraatti balleesse argee hin beeku. Nan beeka nuti arguu dhiisuu dandeenya,  isin dhaloonni kun garuu saba kanaaf barri bilisummaa dhufee uffee ni jettuu hin shakkinaa, tasumas abdii hin kutina. Anaa fi namoota na fakkataniif garuu gara galgalaati,  Duuti kana boodaa anaaf boqonnaadha, amanaa isiniif darba. Sabichaaf bara ifaatu dhufa. Rakkoon amma kana baay’atu eessatti godaanes jedhamee ni dubbatama” Jedhanii turan.

Kana malees lubi kun kan nuti isin biraan hin geenye wantoota hedduu ittiin yaadataman ni qabu.

Lubni Bal’inaa Sarkaa waggaa 60 oliif dhugaa dubbii sagalee waaqayyoo fi sabni kamuu wallaalummaa keessaa akka ba’uuf lallabaa kan turan rakkoo fayyaa isaan mudateen, yaalamaa turuun halkan gaafa guyyaa Akka Lakkoofsa faranjootaatti Muddee 6/ 2022  ykn Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaatti Sadaasa 27 Bara 2015 du’aan addunyaa kanarraa boqotan.

Amma erga lubbuudhaan darbanii waggootii lama lakkoofsisanii jiru.

Madda odeeffannoo : Mo’a Tv

By alexoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *