
Biyya keenya Itoophiyaa keessatti dhiyeenyaa as namoonni ofiisaanii ‘raajii ykn paastorii’’ jechuun of waaman garuu yakkawwan adda addaa raawwachuun himannaan garaa garaa irratti ka’u mul’ataafi heeddummataa jjira.
Namoonni kunniin nama waaqaa, Raajii ,Ergamaa Paastorii fi kkf jedhanii of waamsisu ykn ofitti moggaasu.
Namonni kunneenis birri akka baay’isan, hordoftoota amantichaa irra maallaqa akka fudhatan, karaa raajii dubbachuutiin maallaqa akkaawontii baankii isaaniitti akka galchan, akkasumas hojiiwwan raajii adda addaa akka raawwatan yoo dubbatan ni dhagahamu.
Akkasumas nama du’e ni kaafna jechuu wayita boollaa qochisiisan dubartoota gudeeduun gochaa saal qunnamtii fokkisaa yeroo raawwatanii fi hidhaan kan itti murtaa’e jiraachun gabaafamaa tureera.
Dhimmi kana irratti BBC n itti gaafatamtoota Amantii protestaantii biyya keenya Otiyoophiyaa dubbiseera..isaanis yaadota garaagaraa kennaniiru,
Barsiisaan Tii’oliijii Takkaalinyii Nagaa (Dr) akka jedhanitti, biyyoota lixaa keessatti namoonni akkasii pastopreneur akka jedhaman kaasuun, kunis ‘daldaltoota’ jedhamu jedhanii yaada kennaniiru.
Jechi pastopreneur jedhu kunis Entrepreneur jecha jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, jechi ‘Partner’ jedhu ammoo jechaa pastarii jedhu irraa fudhatameedha.
Kanaafuu, dureewwan amantaa dhaabbilee amantaa keessatti gochaa yakkaa adda addaa raawwatan kunneenis, maallaqaan alatti waan biraatiif kan yaada hin qabneedha jedhu.kana jechuun kaayyoon isaanii babballina wangeelaa osoo hin taane tooftaa ittiin qarshii walitti qabatanidha.
Raajiiwwan sobaa maaliif baayyatan?
Raajonni sobaa biyya Itiyoophiyaa keessatti osoo hin taane biyyoota Afrikaa heedduu keessatti heeddummataa jiru.
Barsiiftoonni kunneen barnoota dogongoraa fi leenjii karaa Ameerikaa Kaabaa, Naayijeeriyaa fi Afriikaa Kibbaatiin gara Itoophiyaa kan seenaan ta’uu BBCtti himan.
Keessattuu jedhu Soortuu Tsaadiiquun, ‘‘namni Bushirii jedhamu Afriikaa Kibbaa irraa gara Itoophiyaatti erga dhufanii booda dargaggoonni Itoophiyaa daandii kana hordofuuf yaalu.’’
Akka BBC n gabaasetti namooti inni dubbise ibsa kennaniin, “namoonni fedhii isaaniitiin ka’uun Macaaf Qulqulluu jallisanii namoota kiisii isaanii guuttachuuf barbaadan akkaan baay’atani jiru.
Kanaaf ammoo namoonni akka barbaadaniitti waldaa mataasaanii dhaabu isaaniiti jedhu”
Kana dura namoonni hubannoon wangeelaa isaan qabaniifi naamusni isaanii qoratamuun gara tajaajilaa seenu turan. Amma garuu waltajjiiwwan ofiisaanitiin uumanirratti akka barbaadaniitti carraa fedhan argatu jedhu barsiisaan Tiiyooloojii Dr Takkaalinyi immoo.
‘‘Lallabddoon wangeela badhaadhiinaa guutan’’ kan jedhan barsiisaan kun, ciminni afuraa dadhaabaa gamtaa barbaacha qofa eeddoodhaa eddootti imaluun amantoota biratti akka mul’atu kaasu.
Dr Takkaalinyi gamasaanitiin, hawaasni amantoota wangeelaa barsiisa Phenxeqosxeefi Kaarizimaatikii hordofan, ‘‘daandiiwwan Waaqni jidduu keenyatti ittiin hojjatu keessaa tokko kennaawwan afuuraa jidduu keenyatti dhangalaasuudha’’ jedhanii amanu jedhu.
Keessattuu dhufaatiin Kiristoos lammataa dhiyaachaa wayita adeemuutti tajaajilli kennaa afuuraa kun baayyachaa kan adeemu taha jechuun akka amanan kaasu. Kun ammo raajoota sobaatiif daandii akka saaqe dubbatanii jiru.
Madda Odeeffannoo :BBC Afaan Oromoo