Ertiriyaa keessatti Aanga’oonni Nageenyaa mana namoota Amantoota wangeelaa ta’an irra deemuun Mana keessaa qabuun mana Adabaatti guuraa jiraachuun dhagaa’ameera.
Addumaan torbanoota darban keessaa naannawaa kaabaa Godinoota Galaana Diimaa, Assab fi Gaashan Baarkaa keessattii Namooti amantoota wangeelaa tahan kun mana isaaniitii fudhatamuu isaanii Maatiin fi dhaabbileen Mirgaaf falman gabaasaniiru.
Gochi kun addumaan Tajaajiltootaa fi Amantoota wangeelaa irratti caalmaatti akka xiyyeeffatee dhaabbanni namoota akka Kanaan to’atamaniif falmu ‘Release Eritrean’ jedhamu Ibseera.
Godina Gaashan Baarkaatti namooti Jaatama (60) tahan Binbiinaa kan jedhamu mana hidhaa haaraa keessatti hidhamuu isaanii dhaabbanni mirga namaaf falmu kun ibseera.
Haaluma Kanaan Amantaa Mootummaa Ertiriyaan beekamtiin kennameef irraan kan hafe hordoftoonni amantaa kan biro Dhibbootaan lakkaa’aman Mana adabaatti argamu.
Egaa Daarikteerri dhaabbata Mirga amantootaaf falmu kan ‘Eritreans Release’ jedhamu akka gabaasetti ji’a kana keessa amantoonni wangeelaa heedduun mana Adabaa akka jiranii fi akkasumas itti dabalee Manneen adabaa Al-idilee tahan biyya Ertriyaa keessa meeqa akka tahan baruun akka ulfaatu ibsaniiru
Madda:BBC Afaan Oromoo