
Masarat Taayyee Ejersoo jedhamu. kan isaan dhalatan bara 1977 Abbaa isaanii Obbo Taayyee Ejersoo fi Haadha isaanii Tewabech Maammoo irraa Godina Illu Abbaabooraa, Baddallee, bakka Gubbee Kaabbaa jedhamtutti yeroo ta’u; kan isaan Gooftaa Yesuusiin akka fayisaa lubbuu isaaniitti simatan bara 1985 Waldaa Muluu Wangeelii Aliifeetti ture. Kun baadiyyaa bakka Akaakayyuunsaanii jiru yemmuu ta’u isaan waggaa 16 dhukkubsatanii amananii waan turaniif karaasaanii fudhatani.
Haatii fi Abbaan isaanii Magaalaa Baddalle jiraatu. Waggaa tokko booda sagantaa mandaraatti Hafuura Qulqulluutiin akka guutaman ni dubbatu. Erga Hafuura Qulqulluutiin guutamanii booda Raajiin Masarat Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi kadhachuun hojii isaanii guyyaa guyyaanni ta’ee argame.
Kana qofaa miti; “Maaliif dinqiin Waaqayyoo hinta’u?” Kan jedhu abiddi hinaaffaa hojii Waaqayyoo isaan keessaa boba’uu eegale. Ergaan sagalee Waaqayyoo karaa namoota garaagaraa isaaniif roobuu eegale. Yemmuu isaan mana hin jirre illee, ergaa kana manatti himaniifii deemu. Kunis gara fuula duraatti Waaqayyo isaaniin waan guddaa hojjechuuf karoora qaburratti kan xiyyeeffatu ture.
Booda, gara magaalaa Abbaa fi Haatiisaanii jiraatan Baddallee deeman. Waldaan achitti hirmaachuu eegalan, Waldaa Beeteel Makkane Yesus ture. Sababiinsaa mana jireenyaasaaanitti dhiyoo waan ta’eef. Mulu Wangeel garuu fagoo ture. Itti fufuun, bara 1994 Baddalleetti, garee faarfattoota mandaraatti galuun tajaajilaasaanii eegalani.
Akka isaan yaadanitti, ijji isaanii hafuuraa banamee mul’ataan tajaajiluu kan eegalan sagantaa bultii mandaraarraa Dafinoo/ Wiixata geggeeffamurratti ture. Jalqabumaa kaasanii hinaaffaa hafuurota gargar baasuu waan qabaniif kanumaan tajaajiluu eegalan.
Ayyaanaan guddachaa dhufuu Raajii Masaratiif kanneen shoora guddaa qaban akka jiran isaanumti ni dubbatu. Kanneen keessaa tokko Lallabaa Wangeelaa Dassaalenyi Birraatuu akka ta’e dhugaa ba’uuf. Karaa nama kanaa Waaqayyoo akka isaanitti dubbate, boodas isaanumti hedduu isaan gorsa akka dhufe dabalii himu. Lallabaa Wangeelaa Dassaalenyi Biraatuu wajjin bara 1997tti sagnataa Konfiraansii deemanii tajaajiluu eegaln.
Akkasuma, gorsii fi deggersi barsiisaa Kinfee Gebiremariyaamii fi barsiisaa Xilaahuun Raggaasaa isaaniif gochaa turan garmalee guddaa akka ta’e dubbatu. Akkuma kanaan Waaqayyoo Raajii Masarat Gargaaramuun dinqii garaagaraa hojjechuu jalqabe. Yeroo kana sadarkaan barnootaas ilaalchisee sadarkaa keessaa (1ffaa yookiin 2ffaa) ba’uun barachaa fi akka turan seenaan jireenya isaanii hima.
Dabalee Araada biraa akka hin qabanneefi wanti biyya lafaa keessaa Waaqayyo itti hinulfanne tasuma shaakala jireenyasaanii keessa akka hinturre isaanumti ni dubbatu.
Rakkinoota Isaan Mudatan:
– Raajii Masaratiin Ariiyatamnii fi rakkooleen garaagaraa irratti waljijjiiraniiru(bara 1997-1998). Ariiyatamni isaanirra ga’e tokko haadhasaanii irratti. Tajaajilaa fi Yemmuu ba’an Haatisaanii, ” Ani azmaarii(abbaa Xinboo) hinbarbaadu nama hojjetee nyaatu malee,” jechuun tajaajilasaa kanarratti abdii kutannaa irraan geessisuuf yaalaniiru. Fkn. Haatisaanii hanga Yuuniifoormii irraa baafatanii manaa ariiyanii ga’aniiru. Torban Lama booda jaarsumaa meeqaan deebI’anii manatti galani.
– Gaaf tokko utuu bishaan Waraabanii, hiiktuun yookiin bantuun(qulfiin) meeshaalee mana keessaa qabatee jiru bishaan boollaa(biirii) keessa duraa buunaan; dubbii maatii isaani baqa boolla meetira 15-18 ga’u keessa bu’anii qulfii isan barbaaddachuuf walakaa karaa gara boollaa kana yommuu ga’an mucucaatanii keessa bu’an. Yeroo sana mucaan tokko iyyiteetti; namni achiin ba’ee gidiraasaanii hirmaate garuu hin argamne. Waaqayyo malee. Raajiin Masarat bishaaniin liqimfamuu irraa baraaramanii qulfii isaaniis miilaan barbaaddatanii argatanii nagaan keessa ba’an.
– Gaafa Guyyaa fuudha Raajii Masarat bashannanaaf namoonni sadii(3) bishaan utuu daakaa jiranii namoonni lama bishaanicha keessaa yoo ba’an tokko immoo bishaaniin nyaatamee sababa kanaan Sirni gaa’elaa Raajii Masarat qorumsa akka kanaan raawwatame.
– Haadhasaa akka jaallatuu fi isaanirraa adda ba’ee jiraachuu akka hin dandeenye dubbata. Garuu Haati isaan jaallatan kun dhukkuba seexanaan dhukkubsatanii mana yaalee gurguddoo, Naqamete, Jimma, Finfinnee geessanis fayyuu hin dandeenye. Dhuma irratti dhukkubbichi itti caale jennaan karaa nama Waaqqayyoo Nama Abbaa Kumee jedhamuun kadhannaan godhameefii fayyan.
Kuno rakkoowwan hedduu keessaa waaqayyo isaaniin dabarsee amma karaa isaanii Waaqayyoo hojii dinqisiisaa akka hojjetaa jiru isa hundumti keenya argaa jirrudha.
Madda Odeeffannoo:Kitaaba mata duree QUBA WAAQAYYOO jedhu irraa fudhatme
QUBA WAAQAYYOO 2008: 11-23, Dhuga ba’umsa Maatiin isaanii Tv Araaraa irratti kennan irraa.
Suuraa:fuula Facebook Araaraa Tv World wide irraa