
Ejjennoon keenya fudhatama waan argateef, hiriirri Dilbataaf qabamee ture yeroo biraaf akka dabarfamu murteessine jedhan dureewwan Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, marii anga’oota mootummaa wajjin taa’aniin
Abbootii waldittii gidduutti rakkoo mudate hordofee muddama biyyattii keessa dhalateen, dureewwan bataskaanattii fi mootummaan Jimaata marii kan taa’an ogguu tahu, mootummaan haalduree waldattiin dhiyeessite fudhachuusaa dubbatan.
Sanbata har’aa bu’aa marichaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennameen, seera amantaa, qanoonaafi bulchiinsa Bataskaanittiin alatti jaarsummaan kamuu akka hin raawwanne himameera.
Mootummaan Itoophiyaa MM Abiyyin durfamu, dhimma marii masaraa mootummaatti gaggeeffame ilaalchisee hanga ammaatti wanti jedhe hinjiru.
Miseensota Sinoodosii Qulqulluun ibsa Afaan Amaaraa fi Oromoon kennameen: “mootummaan ejjennoo Bataskaanaa simachuun, gara fuuladuraattis tokkummaa fi walabummaa Bataskaanaa haala eegeen akka hojjetu mirkaneesseera,” jedhan.
Marii Jimaataan Phaaphaasonni 12 Paatriyaarkii Abuna Maatiyaasin durfaman, MM Abiy Ahimad, MM Ittaanaa Dammaqa Makonnin fi qondaalonni mootummaa biroo, akkasumas jaarsoliin biyyaa argamuun ibsameera.
Taatee torban sadiin dura eegalee mudateen hordoftoota amantichaa irratti lubbuun darbuu fi miidhaan qaamaa akka gahe himuun, dhimmi kunis Marii taa’ame kanarratti ka’uun kanneen balleessaa kana keessatti hirmaatan seeratti akka dhiyeessu eeramee jira.
Akkasumas yeroo ammaa hidhaan saaxilamuufi dararamni abbootii fi miseensota waldichaa irratti raawwachaa jiru hatattamaan akka dhaabbatuufi kanneen hidhamanis akka hiikaman waliigalteerra gahameera jedhan ibsa har’aa kanaan.
Abbootiin amantaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, marii angawoota mootummaa wajjin taa’aniin ejjennoon waldittii fudhatama waan argateef, akkasumas kana raawwachiisuufis yeroo waan gaafatuuf, hiriirri Dilbataaf qabamee ture yeroo biraaf dabarfamuu himaniiru.
Dhimmootni seeraa gama waldattiin qabamanii jiranis, haaluma seeraa hordofuun kan itti fufan tahuu eeruun, mootummaanis waamicha Bataskaanaa fudhachuuniifi bu’uuruma murtee kanaan kan raawwatu tahuu mirkaneessuu isaaf galateeffataniiru.
Siinodosiin Oromiyaa fi Sabaaf Sablammii dhiyeenya hundaa’e jedhame, ibsa Sanbata kanname kana ilaalchisee hanga ammaa wanti dubbatan hinjiru.
Haatahu malee, guyyaa Jimaataa marii mootummaa wajjin taasifameefi murtee mana murtiin booda ibsa baasaniin, hanga tahes tahu milkaa’uu himan.
Dhimma Bataskaanota qabatan ilaalchisee: “Ammaaf Sinoodoosin Oromiyaa kan qabatani qabatani haa dhaabbatanu. Haarawa akka hin qabanne jechuun murtee dabarseera,” jechuun fuula Facebook gubbaa barreessaniiru.
Madda :BBC Afaan Oromoo