Sun. Mar 23rd, 2025

Loading

Yesuus Siif Maalidha? Waayee yesuus Hangam Beekta?

Qabxiilee Gurguddoo 100 Waayee yesuus Luqqisii Wangeelaan wal qabsiifnee barreessineerra. Hanga xumuraatti Dubbisaa.

  1. Abbaa bara baraa. Isa. 9:6
  2. Abbaa firdii. Mat. 12:18, HoE 10:42
  3. Abdii(abdatamaa)…Mat. 12:18, 1xim 1:1
  4. Angafa nagaa. Isa. 9:6
  5. Ameenii isa ta’e. Mul 3:14
  6. Abboomaa/ajajaa jabaa…Uma 49:10
  7. Amanamaa…Mul 19:11
  8. Addaam isa lammaffaa…1Qor 15:45
  9. Angafa Tiksootaa. 1Phex 5:4
  10. Amaanu’eel. Isa 7:14, Mat 1:23
  11. Alfaafi Omeegaa. Mul 1:8, mul 22:13
  12. Angafa Lubootaa. Ibr 4:14
  13. Ayyaanaan guutuu…Wan.Yoh 1:14
  14. Bakkalcha barii. Mul 22:16
  15. Bifa Waaqayyo ittiin namatti mul’atu. Qol 1:15
  16. Buddeen Waaqarraa bu’e. Wan.Yoh 6:32
  17. Bilisa kan nama baasu. Wan.Yoh 8:32
  18. Boqonnaa/boqochiisaa. Mat 11:28
  19. Buddeena Jireenyaa. Wan.Yoh 6:30
  20. Balbala Hoolotaa. Wan.Yoh 10:11, 10:9
  21. Du’aa Ka’uudha. Wan.Yoh 11:20
  22. Dhugaa…Wan. Yoh 14:6, mul 19:11
  23. Dhirsa Misirro. Mat 9:15
  24. Dhagaa golee qajeelchu. Far 118:22
  25. Durumaa kaasee kan jiru. Wan. Yoh 8:58
  26. Dhuga baatuu amanama. Mul 3:14
  27. Eebbifamaa. 1Xim 6:15
  28. Ergamoonni kan sagadaniif. Ibr 1:6
  29. Ergamaa/Hawaariyaa. Ibr 3:1
  30. Ergamoota kan Ergatu. Ibr 4:14
  31. Fayyisaa aango-qabeessa. Luq 1:59
  32. Fayyina. Ibr 5:9
  33. Fayyisaa. wan.Yoh 3:6-18, 1Yoh 4:14
  34. Furii. Rom 11:26, Isa 59:20, Luq 24:19
  35. Garraamii. Mat 11:29, Fil 2:5-9
  36. Gooftaa Hunduma gararraa jiru. Efe 1:22
  37. Gaanfa Fayyinaa(Giriikiidhaan). Luq 1:69
  38. Gooftaa Ulfinaa. 1Qor 2:8
  39. Guddaa. 1Qor 10:4, Luq1:32, Ibr 4:14
  40. Gorsaa Dinqii. Isa 9:6
  41. Gooftaa nama hundumaa. Mat 8:2, HoE 10:36
  42. Gooftaa Gooftotaa. mul 17:14, mul 19:19
  43.  Hoolaa Faasikaa. 1Qor 5:7
  44. Hojjataa Qulqulluu. HoE 4:27
  45. Hojjataa Filatamaa. Mat 12:18
  46. Hundumaa kan danda’u. Mul 1:8
  47. Hoolaa Waaqayyoo. wan.Yoh 1:29
  48. Hidda Daawit. Mul 5:5
  49. Humna Waaqayyoo. 1Qor 1:24
  50. Ificha dhugaa…wan. Yoh 1:9
  51. Ifa Jireenyaa…wan.Yoh 1:14
  52. Isa banuufi sa cufu. Mul 3:7
  53. Isa nama ta’ee mul’ate. 1Xim 2:5
  54. Isa Cubbuu biyya lafaarraa fuudhu. wan. Yoh 1:29, Isa 53:12
  55. Ilma namaa. Luq 19:10
  56. Isa cubbuu keenyaaf du’ee; awwaalamee du’aa kaafame. 1Qor 15:3-5
  57. Ilma Jaallatama. mat 3:17
  58. Ilma Daawit (Ilma mootii). Mat 9:27
  59. Ifa Addunyaa. wan Yoh 8:12
  60. Jiraataa dha. Isa 44:6, HoE 2:24, mul 1:17
  61. Jireenya. wan.Yoh 11:20, 14:6, Qol 3:4
  62. Jalqabsiisee kan xummursiisu. Ibr 12:2
  63. Jaalala….Efe 3:19
  64. Kattaa Hafuuraa. 1Qor 10:4
  65. Karaa. Yoh 14:6
  66. Kan nuuf kadhatu. Rom 8:34, Ibr 7:25
  67. Leenca Yihudaa. Mul 5:5
  68. Luba bara baraa. Ibr 5:7, 7:24
  69. Mootii Moototaa. Mul 19:16, 1Xim 6:15
  70. Mootii bara baraa. Isa 9:6
  71. Maqaa maqaa caalu isa qabu. Fil 2:9
  72. Masihii/Kiristoos/kan dibame. Luq 9:20
  73. Mootii. Zak 9:9
  74. Mataa Waldaa Kiristiyaanaa. Efe 1:21-23
  75. Moo’aadha inni. Mat 2:6, mul 5:5, 3:21
  76. Nama Naazireet. Mar 1:24
  77. Namoota kan ergatu. 1Qor 1:16-17
  78. Namaafi Waaqayyo Abbaa kan walitti fidu. Ibr 8:6, 9:15, 1Xim 2:5
  79. Nagaa keenya Iyyesuus. Efe 2:14
  80. Ogummaa waaqayyoo. 1Qor 1:24
  81. Oo’a-qabeessa/yemirara. Mat 14:14
  82. Obboleessa amantootaa. Mar 3:35, Ibr 2:11
  83. Qulqulluu. HoE 3:14
  84. Qajeelaa. HoE 7:52, 3:14
  85. Rabbii/Barsiisaa. Yoh 1:49, 3:2
  86. Raajii/Nabiyyii. mar 6:4, Kes 18:15
  87. Sagalicha. Yoh 1:1
  88. Sagadamuufiin kan ta’u. Mat 2:11
  89. Tiksee gaarii. Yoh 10:11
  90. ulfaataa/ulfina. wan.Yoh 1:14
  91. Uumaa Uumamaa wan. Yoh 1:3
  92. Waan hundumaa keenya. Qol 3:11
  93. Waaqa/samiifi lafa isa uume. Ibr 1:2
  94. Waan hundumaa fiixa kan baasu. Ibr 2÷10
  95. Waaqayyo Jabaa. Isa 9:6
  96. Waaqayyo(Ofumaasaa). Yoh 1÷1
  97. Abukaattoo. 1Yoh 2÷1
  98. Iyyesuus. Mat 1÷21
  99. Aarsaa fooliin isaa tolu. Efe 5:2
  100. Karaa Fayyinaa tokkicha HoE 4÷12 Source:Abduselam Sheik reduwan,

By alexoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *