
Seerawwan hafuura arfan karaa yookiin akkaataa oduu gaarii kan fayyinaa isa karaa Yesus Kiristoosiitti amanuudhaan argamu ittin hiraniidha. Inni salphaadhumatti odeeffannoo barbaachisoo wangeela keessaa bakka qabxii afuritti gurmeessuudha.
Seerotni Arfan(4) kunis kanneen Armaan gadiiti:
1. Waaqayyo si JAALLATA jireenya keetiifis KAROORA dinqisiisaa siif laateera
JALAALA WAAQAYYO
“Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hanga kennuufitti biyya lafaa jaalate, kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya barabaraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti.” (Yoh. 3:16)
KAROORA WAAQAYYO
[Yesuus jedhe]“Ani… hoolotni jireenya haa qabaataniif, irra hafaas haa qabaataniif dhufeera.” (W/Yoh. 10:10)
Haa ta’u malee namootni hundumtuu jireenya gammachuu hin jiraatan Sababni isaa maalidha jettanii Yaadduu?
2. Namni cubbamaadha kanaafu waaqayyo irraas kan adda ba’ee dha, kanaaf jaalala fi karoora waaqayyo beekuu fi shaakalu hin danda’u.
NAMNI CUBBAMAADHAA
“Hundinuu yakkaniiru ulfinni Waaqayyo isaanitti hir’ateera.” (Rom. 3:23)
Namni kan uumame Waaqayyo wajjiin dhibbantaa akka ta’uuf. Garuu namni karaa ofii isaatii waan filateef dhibantummaan Waaqayyo wajjin qabuu addaan cite. Daandi ofii keenyaa irra yeroo deemnu Waaqayyoof kan hin abbomamne fi kan dhimma hin qabne taana. Yaada akkanaa macaafni qulqulluun cubbuu jedhee waama.
“Nuyi hundumti keenya akka hoolota karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gorre.” (Isa. 53:6)
NAMNI WAAQA IRRAA ADDAAN BA’EERA
“…beenyaan (mindaan) nama cubbu hojjettu du’a,” [Hafuraan Waaqayyo irraa addaan ba’uu]. (Rom 6:23)
3. Kaaran inni tokkichi kaan nama gara Waaqayyotti gessu Yesuus Kristoosii dha. Inii qooda Keenya du’e. Namni karaa Yesuus Waaqayyon beekuu, karoora isaa beekuu fi jaalala isaa mi’eeffachuu danda’a.
INNI NUUF JEDHEE DU’E.
“Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taane jirruu, Kristos nuuf du’uu isaatiin hammam akka nu jaallate ni argisiisa.” (Rom. 5:8)
DU’AA KE’ERA
“…Kristos cubbu keenyaaf du’eera, inni awwaalameera, Caaffanni qulqullaa’oon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis du’aa kaafameera…” (1Qoro. 15:3-5)
INNI KARAA ISA TOKKICHA
Yesuus deebisee, “karichi, dhugaan, jireenyis, ana, anaan yoo ta’e male eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.” (Yoh. 14:6)
4. Tokkoon tokkoon keenya Yesuus Kristoosiin akka fayyisaa keenyaatti fudhachuu malla , yoo kana ta’e jaalalaa fi karoora inni jireenya keenyaaf qabu beekuu dandeenya.
KRISTOOSIIN FUDHACHUU MALLA
“Hamma isa simataniif immoo ijollee Waaqayyo akka ta’aniif Aboo isaaniif kenne, isaanis warra maqaa isaatti waamamaniidha.” (Yoh 1:12)
AMANTIIDHAAN KRISTOOSIIN FUDHACHUU MALLA
“Isin ayyaana Waaqayyotin karaa amantii fayyifamtan, inni immoo kennaa Waaqayyoti malee, gocha ofii keessanii miti, hojiidhaanis miti, nammi tokko illee akka ittiin of hin jajnetti.” (Efe. 2:8-9)
JIRREENYA KEENYA KEESSATTI KRISTOOSIIN AFEERUUDHAAN FUDHACHUU DANDEENYA
“Kunoo! Ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta, namni sagalee koo dhaga’ee yoo balbala naaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhiyaadha, innis anaa wajjin ni nyaata.” (Mul. 3:20)
KRISTOOSIIN FUDHACHUUN QABXII ARMAAN GADII OF KEESSA QABA
• Cubbamoota ta’u keenya beekne cubbu kennya irra deebiu’udhaan Waaqayyo wajjin wali galu
• Yesuus Kristoos cubbuu keenyaaf jedhee akka du’ee amanuu
• Kristos jireenya keenya guyyaa guyyaa keessa akka jiraatu hayyamu fi isatti amanachuu
Source:Holy Bible, https://www.gotquestions.org/Oromo/Seerawwan-hafuura-arfan.html, http://www.4laws.com/laws/oromo/default.html.