Namichi Ani Yesuus Ofiin Jedhe Ayyaana Faasikaa irratti Fannifamuuuf
Lammiin biyyaa keeniyaa “Ani iyyasuus isaa dhugaati!” jechuudhaan waggoota hedduuf barsiisaa ture rakkoo keessa jira.
Lammiin keeniyaa kun Kanaan dura yeroo baayyeedhaaf namooti Akka yesuus jedhanii isa waaman itti himaa turus Waldaan kiristaanaa dhimmichi sirrii akka hin taane hubattee dhorkaa turte
Haa tahu malee garuu”Ani iyyasuusi” jechuudhaan duuka buutota 12 muudee jira. Namoonni baayyeen namichii kun osoo dinqii hojjatuu arginee jedhu. Mana cidhaatti bishaan garaa Shaayiitti jijjiruu danda’eera jedhanii namoonni ragaa bahaniif hedduu turaa.
Tibbaa kana dhufaatii ayaana Faasikaa dura lammileen keeniyaa hunduu ergaa ani masiidhaa jedhee, ayyaana faasikaa kana irratti gaara Kilimanjaroo geeffamee fannifnee du’aa ka’uu isaa ilaalla jechuudhaan qophii godhaa jiran.
Lammiin biyyaa keeniyaa kunis akka hin ajjeefamneef poolisootatti himaatee jira. Deebiin garaa poolisootaati kenamee garuu, “Nuti dhimma amantii keessaa hin galluu!” Kan jedhuudha. Namichii faasikaa dhuftuu fannoo isaa baatatee gara Kilimanjaro bahee fannifamuun waan hin oolle fakkata.
Madda odeeffannoo: https://switchnigeria.com/