
Ibsa dhimmi Sinoodosii Oromiyaa irratti Abuna Sawuroos kennaniin:
Gama kamiinuu Ejjannoon keenya boodatti hindeebi’uu:-Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf sablammootaa.
Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammootaa haala yeroo ilaalchisuun ibsa kenne.
Ibsa kanas Walitti qabaa Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammootaa Qulqulluu Abuna Saawuroostu kenne.
Akka Qulqulluu Eebbifamoo Abuna Saawuroos jedhanitti manni Amantaa kun qorumsa keessoo fi Alaa yeroo gara yerootti kan ishii mudataa jirudha.
Keessattuu,tibbana jeequmsi ergama waldaa kirstaanaa gufachiisaa jiraniin muddamtee jirti kanaaf gama kamiinuu ejjennoon waldaa kirstaanaa kun qabu duubatti kan hin deebine tahuu isin beekisifna jedhan.
Imalli amma jalqabne jirru imala saba isiraa’eliin kan wal fakkaatudha,kunis kan ulfaatu yoo tahu,kadhannaadhaan keessa akka darbinu isinii mirkaneessina jedhan.
Qaamonni muraasni amantaa dahoo godhachuudhaan kaayyoo siyaasaaf oolfachaa jiru kan jedhan Abuna Saawuroos kaayyoon isaanii galma kan hin geenye tahuu hubachu qabu jedhan.
Nuti garuu ejjennoo keenyaan qormaanni yeroof nutti baay’atus,Imalli keenyas ejjannoo keenyaan osoo boodatti hindeebi’in galma ni gaha jedhan.
Madda:Sonoodosii Oromiyaa,Abuna Sawuroos