
VALANTAAYINII
•••
GUYYAA VAALANTAAYINII!
—-{Valentines Day}—-
•••
Guraandhalli 14 “Lupercalla” ykn “guyyaa Waangoo” jedhamuun beekama. Guyyaan kun guyyaa itti namoonni wal-qunnamtii saalaa akka horiitti raawwatanii fi keessumaa dubartoonni miira dhiiraa ejjummaatti kakaasuudhaaf baayyee itti of kuulaniidha.
Guyyaan kun guyyaa itti kabaji waaqolii tolfamoo warra Roomaa “Lupercus fi Faunus” itti kennamuu dha. “Lupercous” jechuun “Adamoo Wangolii” jechuudha. Roomaanonni agarsiisa (festival) “Luupercalia” jedhamuun beekamu qabu. Barsiifannii wal-jijjiirraa Vaalantaayinii fi aadaan kabaja “Lupercus” shaakala dargaggoota hin amanneen (pagan) kan walqabatu ta’ee gocha gara eejjaa fi jireenya gadhisiitti nama oofaniidha.
Guyyaa Kabaja “Lupercalia”
•••••••
Har’a “Lupercus” yeroo kabajamutti dursitoonni amantichaa (Luperci/Priests) gogaa Reettii uffattanii dhiigaan kabaju. Waaqa Tolfamaa Waangoo sanaaf Reettii fi Saree qaama isaanii hunda dhiigaan dibanii aarsaa dhiyeessuudhaan ofiis dibatanii naannoo boolla itti aarsaan waaqichaaf dhiyaatuu sanatti marsuudhaan yeroo hamma ta’eef gogaa Reettii “Februa” kan maqaan isaa “February” jedhamu irraa argame uffachuudhaan aarsaa dhiyeessu. Dubbartoonni naannoo boolla sanaa taa’u, abbaan amantii waaqa tolfamaa Waangoo sanaa gogaa Reettii sana isaan irra daddabarsuudhaan akka isaan ulfaa’aniif raaga.
Dhaamsa Jaalalaa (Love Notes)
•••••••
Shamarran dargaggeeyyiin naannoo magalaa Roomaa keessa jiraatan hundi walitti qabamuudhaan maqaa isaanii barreessuudhaan sanduqa qophaa’e keessatti walitti qabu. Ergaan jaalalaa kun “billets” jedhamuun beekama. Dhiironni naannoo Roomaa keessa jiran sassabamuun sanduqa sana bananii maqaa shamarran sanduqa sana keessatti walitti qabamee sana keessaa tokko akka carratti kaasuudhaan shamarree carraa isaanii sana waliin hanga waggaa agarsiisa “Lupercalia” ykn kabaja Vaalantaayinii Guraandhala,14 kabajamu ga’utti maamila ejjaa godhachuudhaan waliin turu.
Haalluu Diimaa (The Read Colour)
••••••
Haalluu diimaan haalluu kabaja ayyaanichaa jedhamee beekama, sababni isaa dhiigni Reettii, Saree fi boca Onnee sun dhiiga Onnee namaa gadi miti; dhiiraa fi dubartii ejjaaf walitti dhufan sanaaf akka waan onnee jaalala isaanii banuttis itti amanama.
Guyyaa Valaantaayinii Qulqullaa’aa (St Valentine’s Day)
•••••••
Valantaayinii qulqullaa’aa kan jennu iccitii dhokataa qaba, naannoo 269 AD, Guraandhala,14 tti abbaa amantii, amantii isaaf jecha aarsaa of taasise jedhamee waan itti amanamuuf Waldaa Kaatolikii biratti kabaja guddaa qaba. Kanaanis waldaan kun ayyaana lakkuu jechuun “Lupercalia” kana ejja dhoksaadhaan kabajji. Dursitoonni amantaa Kaatolikii Roomaas ejja raawwachuun kabaju. Kanas ejja qulqullaa’aa jedhanii waamu.
°°°°°°
Kanaafuu, guyyaan kabaja Vaalantaayinii argama biroo kan hin qabnee fi itti fufiinsa “Lupercalia” ta’uu beekuu qabna. Guyyaan kun guyyaa daldalaa guddaadha. Suuqiwwan baayyeen jala bultii ayyaana kanaa irraa eegaluun haalluu diimaa dhiiga aarsaa Waangichaaf dhiyaatuu kanaan faayamanii argamu. Guyyaa ayyaana kanaatti dargaggeettii miliyoonaan lakkaa’amtutu durbummaa (ulfina) ishee Waangoo kanaaf aarsaa godha. Vaalantaayinii kana sababeeffachuudhaan baayyoliidhaaf guyyaa kana walquunnamtiin saalaa eyyamamaadha.
VAALANTAAYINII Vs WAANGOO, SAREE, REETTII!
••••••
Ayyaana kana irratti waaqi tolfamaan itti sagadamu sun maalif Waangoo ta’e?
Aarsaadhaaf Reettii fi Sareen maalif dhiyaatan?
Waa’ee jara kanaa Macaafni Qulqulluun maal jedha?
WAANGOO
••••••
Waangoo fi Ilmaan Waaangoo balleessituudha. Waangoon Seexana isa lubbuu dhaloota balleessutti hiikama, Ilmaan Waangoo immoo dhaloota warra ergama isaa isa hamaa fudhachuudhaan ajaja isaa hojii irra oolchanii ofii isaanii fi lubbuu kan biroo balleessaniidha. Dhaloonni akkasii argama bara dhumaa kanaa taa’anii kaa’aa jiru. Ilmaan Waangoo! Daaraaraa balleessu, dhaloonni akka ija isa dhugaa hin godhanneef daraaraa dhalootaa urguufanii abdii golgoleessu.
“Hiriyoonni ishee immoo, “Waangotaa fi ilmaan waangotaa warra waynii keenya isa daraaraa nu duraa balleessan qabi!” jedhan.
(M/Weedduu Weedduu Caalu 2: 15)
Wangoliin humna ittiin mancaasan eegee isaanitti ibidda baatu. Badii geggeessan keessatti akka ibiddaatti gubu. Oomisha maasii Waaqayyoo danuu kan gubaa jiruu Waangoodha. Ija dhalootaa fi dhaloota kan gubee barbadeessaa jiru ibidda eegee isaanii keessaa ba’uudha. Dhaloota baayyees ibiddi eegeen isaanii tufu hojii ala taasisee jira/taasisaas jira. (Abboota Firdii 15:3-5)
SAREE
••••••
Sareen xurooftuudha! Balfa namni lagatu isheetu nyaata, bakka du’aa fi raqaatii hin dhibaman, nyaata qaama isaaniif mijachuu didee gara alaa ba’u (diddiga) isaanii deebisanii sooratu. Kun xuraa’ummaa lagachuu dadhabuutti hiikama. Cubbuu kaleessa irraa fayine sana deebifnee fudhachuudha. Dhaloota har’aa waliin baayyee walfakkaatu.
“Sareen diddigee diddiga isaatti akkuma deebi’u, gowwaan gowwuma isaatti in deddeebi’a;” (M/Fakkeenyaa 26: 11)
REETTII
••••••
Reettiin warra mootummaa Waaqayyoo keessaa qooda hin qabneetti fakkeeffamanii jiru. Isaan akkasii warra bitaati. Warra Waaqayyon dhaga’uu irra Seexanaaf bitaman sanaadha. Dhaloota biyya lafaa irra yeroo jiru bitatti deemu, mootummaa Waaqayyottis bitatu isa eeggata!
“Warra hoolotatti fakkeeffaman gara mirga isaa, warra re’ootatti fakkeeffamanis gara bitaa isaa in dhaaba.” (Maatewos 25: 33)
Sababni Reettii fi Sareen aarsaa ta’anii dhiyaataniif, Waangoon Seexanichatti fakkeeffamee akkuma jiru; Reettii fi Sareen immoo dhaloota ergama Seexanichaa galmaan gaa’an fakkaatanii waan dhiyaataniif, qaamni ergama raawwatu kan abbaa isa ergatee waan ta’eef isumaaf aarsaa taa’a hiika jedhu qabatee jira! Kanaaf hafuurri warra achi asi dhufa Vaalantaayinii bineensotaa fi bineelda kanatti fayyadama.
•••••
GOOLABA
Dhaloonni kun waa raawwachuu fuula dura, waa adda baafachuu hin barbaadu. Gocha tokko raawwachuuf namni biraan godhee argamuun isaaf ulaagaa gaa’adha. Keessumaa Kristiyaanonni waa gochuu fuula dura qorree ilaaluutu nuuf taa’a. Vaalantaayinii kabajuun qaroomina ykn jaalallee isaa gammachisuu itti fakkachuu irra darbee ergaa dhokataa inni qabu qorachuuf, akka Sagalee Waaqayyotti deggersa qabaa jedhee eenyutu gaafatee beeka laata? Utuu hin beekin Saree fi Reettii ta’ee Waangoo sanaaf kan aarsaa of godhe lakkofnee ni fixnaa laata? Seexanni waan hojjetu hundumaa iccitii guddaan aguugee raawwata. Kanaaf dammaqoo akka nu taanu sagaleen Waaqayyoo nu akeekkachiisa. Huubachuu utuu dandeenyuu wallaalummaan hin duunu! Nama taanee utuu jirruu namummaa hin dhabnu!
“Bara wallaalumma isaanii Waaqayyo namootatti lakkaa’uu dhiiseera; amma garuu namni hundinuu iddoo hundumaatti yaada garaa isaa akka geddaratu abboomeera.”
(Hojii Ergamootaa 17: 30)
Madda:Oliifan Margaa