Tue. Jan 14th, 2025

Loading

Waldaan Macaafa Qulqulluu Oromoo gara fuulduraatti maal hojjata?

Yeroo dhiyeenyaa As waldaan Macaafa qulqulluu Oromoo Hundeeffamee jiraachuu isaa fi hojiitti seenee jiraachuu hundi keennya quba qabna. Egaa waldaan kun hojiilee gurguddoo eegaluutti akka jiru ibsee jira

Akkuma dubbate Waldaan kun hojiisaa jalqabaatin Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo abbummaan maxxansiisu fi raabsuu eegalee jira.

Gara fuulduraatti ammoo Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo qofaan osoo hin taane, afaan sabaafi sab-lammoota birootin illee qopheessee raabsuu akka barbaadu BBCtti himan miseensa koree giddu galeessaa boordii waldichaa fi tajaajila Waldaa Guutuu Wangeelaa, Pastar Amaanu’el Makonnin.

Akkasumas mana maxxansaa ammayyaa qabaachun Macaafa Qulqulluu dabalatee kitaabota hafuuraa maxxansiisuu fi raabsuf karoora akka qabu himu.

“Gara fuulduraatti Macaafa Qulqulluu afaan waltawaa namoota hundumaaf mijataa ta’een dhiyeessuf hojjataa jirra,” jedhu Paastar Amaanu’eel.

Kanaaf ammoo namoota waldaalee warra wangeelaa Oromoo garaa garaafi naannoo loqoda Oromoo addaa addaarraa hirmaachisuun akka hojjatan ibsu.

Dhiyeenya kana Waldaan Macaafa Qulqulluu Itoophiyaa, Mcaafa Qulqulluu Afaan Oromoo loqoda Arsiitiin qopheessee dhiyeessuu beeksisuu hordofee yaanni mormiifi deeggarsaa miidiyaa hawaasaa gubbaatti deemaa ture.

Dhimma kanarratti Waldaan Macaafa Qulqulluu Itoophiyaa Waldaa isa kan Ormomiyaa akka hin hirmaachisin dubbatu Paastar Amaanu’eel.

“Nuti hojii namni biraa hojjate keessa gallee sana kana waan jennu hin qabnu. Macaafa Qulqulluu waan ta’eef afaan kamiiniyyuu haa ta’uu in kabajna,” jedhan.

Egaa gara fuulduraatti hojiiwwan gurguddoo akka hojjetu waadaa seeneera.. kanaaf waldootiin kiristaanaa naannolee Oromiyaa Garagaraa  keessa jirtan Waldaa kana waliin tahuun macaafa qulqulluu bifa qulqullina qabuun maxxanfadhaa jenna.

Madda:bbc Afaan Oromoo, Oromo Bible society

By alexoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *