Tue. Jan 14th, 2025

Loading

Jireenyi du’a boodaa gaaffii nama hedduuti. Iyoob namoota jireenya du’a boodaaf gaaffiin guutaman bakka bu’uun akkas jedhee dubbata, “Nama ta’ee lafa irratti kan dhalate barri isaa gabaabaa dha rakkinni isaammoo baay’eedha. Inni akka daraaraatti oli ni ba’a, ni coollogas; akka gaaddisaattis ni darba hin turus… Namni erga du’ee deebi’ee hin jiraataaree?” (Iyoob 14:1-2, 14). Akkuma Iyoob, namoonni Kristoositti hin amanne, akkasumas gariin kanneen Kristoositti amanne jedhanillee gaaffii kanaan ni qoramu.

Dhugumatti erga duunee booda maaltu nurra ga’aa? Salphaadhumatti jiraachuu dhaabnaa? Du’a booda hundumti namaa bakka garaagaraa dhaqna moo bakkuma tokko dhaqna? Si’oolii fi Jannati yookiin mootummaan Waaqayyoo jiraa?

Macaafni Qulqulluun du’a booda jireenyi duwwaan akka jiru nutti hin himu, jireenyi baay’ee ulfina qabu akka jiru nu abdachiisa malee. “Waan Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesse, iji namaa hin argine gurri namaa hin dhageenye, yaadni namaas bira hin geenye ni jedha” (1 Qorontos 2:9). Yesus Kristoos, Waaqayyo foon uffatee, gara biyya lafaa kanaa kan dhufeef kennaa jireenya bara baraa kana nuuf kennuudhaaf. “Inni garuu balleessaa keenyaaf ni waraaname sababbii yakka keenyaafis reebamee ni caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni ni adabame madaa’uu isaatiinis fayyinni nuuf argame” (Isaayaas 53:5). Yesus dheekkamsa hundumti keenya fudhachuun nuuf ta’u fudhate idaa cubbuu keenyaa kaffaluudhaafis jireenya isaa arsaa godhe. Guyyoota sadiin boodas, du’a irratti gooftummaa qabu agarsiisuudhaaf ofuma isaatii boolla keessaa ka’e. Guyyoottan afurtamaafis biyya lafaa irra ture utuu gara waaqaatti ol hin fudhatamin fuula dura kumaatamaanis dhugaa ba’ameeraaf. Roomaa 4:25 akkas jedha, “Yesus irra daddarbaa keenyaaf du’atti dabarfamee kenname; qajeelummaa akka argannuufis du’aa kaafame.”

Du’aa kaafamuun Yesus Kiristoos ta’umsa kara gaariitiin galmeeffamee dha. Ergamaan Phaawuloos dhugaa ta’uu isaatiif namoonni akka mirkaneeffataniif warra ijaan argan akka gaafatan jara qoraa ture, dhugaa isaa shakkuudhaafis namni kami iyyuu hin dandeenye. Du’aa kaafamuun amantii Kristaanaatiif dhagaa goleeti. Sababni isaa Kristoos du’aa kaafameera, nuyis akka kaanu amantii qabna. Du’aa kaafamuun Yesus Kristoos jireenya du’a boodaatiif ragaa fi raaga xumuraati. Kiristoos namoota akka makara guddaatti jireenyaaf kaafamaniif akka angafaa ture. Duuti foonii karaa nama tokkoo dhufe, Addam isa hundumti keenya itti qabamnee jirru. Garuu warreen maatii Waaqayyoo ta’uuf Yesus Kiristoositti amanuudhaan dhalataniif jireenyi haaraan isaaniif ni kennama (1 Qorontos 15:20-22). Akkuma Waaqayyo dhagna Yesusiin du’aa kaase dhagni keenyas gaafa Yesus deebi’ee dhufu du’aa ni kaafama. (1 Qorontos 6:14).

Ta’us hundumti keenya du’aa nii kaafamna, hundi namaa garuu gara mootummaa Waaqayyoo hin dhaqu. Macaafni Qulqulluun akka jedhutti namoonni al tokko du’uuf kaa’amaniiru isa booddee immoo firdiitti ni dhiyaatu (Ibroota 9:27). Jarreen karaa Kristoositti amanuun qajeelina argatan gara jireenya barabaraa/ gara Jannataa deemu, garuu jarreen Kiristoosiin akka fayyisaa isaaniitti simachuu didan adabbiidhaaf gara si’oolitti ergamu. (Maatewoos 25:46). Si’ool akkuma Mootummaa Waaqayyoo, bakka jiraatamu miti, garuu bakkuma mul’ataadha. Inni bakka warri isatti hin amanne cubbamoonni dheekkamsa Waaqayyo isa xumura hin qabne itti shaakalaniidha. Si’ool akka qileetti mul’ateera (Luuqaas 8:31; Mul’ata 9:1) akkasuma galaana ibiddaa, dhagaa boba’u, bakka warri keessa jiraatan halkaniif guyyaa bara hanga bara baraatti itti dhiphatan(Mul’ata 20:10). Si’ool keessa boo’ichaa fi ilkaan qaruutu jira, aarii fi gaddi cimaanis achi keessaa ni dhagaa’amu (Maatewos 13:42).

Waaqayyo du’a cubbamoottatti gammachuu hin fudhatu, garuu jarri akka jiraataniif karaa isaanii isa hamaa irraa akka deebi’an barbaada (Hisqi’ell 33:11). Waaqayyo akka abboomamnuuf nu hin dirqisiisu; yoo isa fudhachuu didne, murtoo keenya isa bara baraan isatti gargar baanee jiraachuu keenya ni fudhata. Amantootaaaf, jireenyi du’a boodaa mootummaa waaqaa keessa Waaqayyoo wajjin jireenya bara baraati. Warra hin amanneef, jireenyi du’a booda galaana ibiddaa keessa.

Akkamiin jireenya bara baraa fudhachuu dandeenya? Du’a booda galaana ibiddaa keessaa barabaraaf akkamiin ooluu dandeenya?

Karaa tokkicha duwwaatu jira! Innis karaa amantii Yesus Kristoos Ilma Waaqayyootti amanuudha. Yesus akkas jedhe, Yesus garuu du’aa ka’uun jireenyis ana namni anatti amanu yooo du’e iyyuu ni jiraata utuu jiruu kan anatti amanu hundinuu immoo bara baraan hin du’u…(Yohaannis 11:25-26).

Kennaan tolaa jireenyi bara baraa hundumaaf qophaa’aadha. “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba ilma Waaqayyof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee” (Yohaannis 3:36). Du’a booda kennaa fayyinaa Waaqayyo biraa fudhachuudhaaf carraan nuuf hin kennamu. Xumurri keenya kan murtaa’u bara jireenyaa keenyaa isa lafa irratiin Yesus Kiristoosiin fudhachuu fi diduu keenyaan. “kunoo yeroon jaallatamee fudhatame amma; kunoo guyyaan fayyinaa amma” (2 Qorontos 6:2).

Kanaaf du’a bara baraa irraa ooluuf har’uma Yesusiin Gooftaa dhuunfaa kee godhadhu!

Madda:Oliifan Margaa

By alexoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *