
Faarfataa Gammachiis Daani’el jedhama.Faarfataa Qaxalee fi amala qabeessa kan ta’ee fi Albeema Faarfannaa lama nama hojjetedha. Faarfataan kun waanti nama dhibu Qarshii Albeema Faarfannaa isaa isa 2ffaa irraa argame ijaarsa waldaa WMY Beetel Sabbataa tiif Gumaache. Egaaa Guyyaa kaleessaa jechuunis gaafa guyyaa 24/07/15 Faarfataa Gammeen
Faarfatee akkuma stage irraa bu’een daqiiqaa muraasa booda kufee dubbachuu dadhabe..dubbachuu dadhabuu isaa irraa kan ka’e Barreeffamaan mana yaalaatti na geessaa,Haadha warraa koottis naaf himaa barreeffama jedhu barreessee ture.Haa tahu malee lubbuu isaa oolchuu hin dandeenye, Gara Abbaa isaa isa barabaraan jiraatuu bira deemee jira.
Maatii fi Firoottan isaa akkasumas Amantoota hundaaf jajjabina jechaa.. Obboleessa keenyaaf Boqonnaa Hawwinaaf.
Madda odeeffannoo:Fuula facebook Efireem Dessea irraa