
Barattuu Liidiyaa Aberraan kanaan dura barattoota musiliimaa daree isheedhaan digimtii jedhamuun kan hidhamte sababa yesuus gooftaaadha jette qofaan kan hidhamte guyyaa harraa gadhiifamuun ishee dhagaa’ameera. Amantoonnii fi maatiin ishee isheef kadhachaa turtan baga gammaddan jechaa . Barattuun kun dargaggeettii umuriin ishee mana kudhaa keessa jirtu yoo taatu guyyaa Kaleessaa wabii birrii kuma 30n akka hiikamtu kan itti murtaa'e Liidiyaa Aberaan, guyyaa har’aa jechuun 08/07/2015, sa'aatii 11:10 irratti, Mana amala sirreessaa Halabaa Kulitoo, bakka itti hidhamte irraa, bilisa ta'uu qaamaan mirkaneessiteetti jedhan barsiisaan seeraa fi ogeessi seeraa Abayehu Geetaa. Baga Gammaddan Madda oduu:fast mereja facebook page