Tue. Jan 14th, 2025

Loading

Iraan Dilbata ganama keessa haleellaa diroonii fi misaa’elaa Israa’el irratti dhukaaste.

Haa tahu Haleellaa kana Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan ‘’Israa’el baay’ee isaa akka dhooftee gadi buustu gargaarreera,’’ jedhanii jiru.

Torban lama dura haleellaa Qonsila Iraan Sooriyaa keessatti argamu irratti raawwatameen ajajaa dabalatee qondaaltonni Eegdota Warraaqsa Iraan ajjeefamaniiru.

Haleellaa kana Iraan Israa’elitu kana raawwate jechuun himattus, Israa’el garuu anadhas ana mitis hin jenne.

Dhimmi haleellaa Dilbata barii geggeeffame irratti Akkuma Iraan haleellaa banteen Ministirri Muummee Isiraa’el Benjaamin Netaaniyaahu koree waraanaa isaanii mariif waamaniiru.

Sana boodas Pirezidantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin illee marii taasisuu ibsaniiru. Baayidan gama isaaniitiin  yoomiyyuu Israa’el bira akka dhaabbatan mirkaneessanii tti dubbachuu himan.

Haleellaa Dilbata ganamaa Kanaan  buufata waraanaa Isiraa’el irratti miidhaa xiqqoo qaqqabsiisaniiru jedhan.

Gama Lubbuu namaatiin  lubbuu namaarraa miidhaan dhaqqabe akka hin jirre himaniiru.

Tajaajilli ambulaansii Israa’el akka ibsetti daa’imti ganna torbaa (7) Kibba Israa’elitti caccabaa haleellaa kanaa samiirraa bu’een miidhamteetti jechuun dubbateera.

Madda Wabeeffanne: BBC Afaan Oromoo dha.

By alexoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *