Tue. Feb 11th, 2025

Loading

Faarfataa fi Lallabaa wangeelaa Sisay Badhaadhaa jedhama.

Faarfataan kun nama jabaa hojii wangeelaa ija jabinaan hojjetu dha.

Faarfataan kun Daandii iratti illee lallaba jamaa lallabuun dhaloota baayyeetti Yesuus fayyisaa tahuu isaa labsaa ture.

Faarfannoota kan hojjetaa turee fi dhiyeenya kana faarsaa mata dureen isaa “Agartuu Ijakoo “jjedhu illee karaa Youtube Wakjira Tube Suur sagalee dhaan hojjetee ture.

Haa tahu garuu Guyaa kaleessaa 18/09/2023 dudduuba deebiyuu dhaan Amantii Musiliimaa fudhachuun isaa dhagaa’amee jira.

Faarfataan kun erga amantii kana fudhatee Hordoftoonni Amantii Musiliimaa Simannaa fi gargaarsa Maallaqaa illee gochaafii jiraachuu madden garaagaraa irraa mirkaneeffanneerra.

Akka Spider Media n gabaasetti faarfataa Siisaay Yeroo dheeraaf Quraana kan dubbisaa turee fi Gaaffii Garagaraa ka’aniif deebii waanan dhabeef gara Amantii musiliimaa deeme jedha.

Haalli inni itti deemes karaa miidiyaa Tiktok jedhamuu wal falmii hordoftoota Musiliimaa waliin kara Tamsaasa kallattii Godheen booda gara amantii sanaatti akka fudhatame dha.

Madda: Spider Media

By alexoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *