
WAAN SADII(3) HIN QABNU, WAAN SADII(3) HIN BARBAANNU.
DHALOOTNI AMMA JIRRU WAAN 3 HIN QABNU WAAN 3 HIN BARBAANNU!
1. Dogoggora irraa nama nu gorsee nu qajeelchu hin qabnu. Dogoggora keenya irraa qajeeluuf gorsaa hin barbaannu!
==> Kan nu gorsu hinaaftuu keenyaa fi wallalaa nutti fakkaata.
2. Dogoggora keenyaaf nama nu ifatu hin qabnu. Dogoggorree ifatamuu/ dheekkamamnee qajeeluu hin barbaannu!
=> Kan nu ifatu nama homtuu hin galleef nutti fakkaata!
3. Dogoggora keenyaaf nama adabee nu qajeelchu hin qabnu. Dogoggora keenyaaf adabamuu hin barbaannu!
=> Nama nu adabu mitii namni waa’ee adabaa nutti dubbatu iyyuu wal’aalaa nutti fakkaata!
Kana maatii keessaa, hawaasa keessaa fi mana amantaa keessaa hin qabnu. Utuu jiraatees hin barbaannu dhiifneefi deemna malee!
Mana amantii keessaas ergaa laslas jedhu malee ergaa nu qajeelchu hin barbaannu. Utuu Yesuus gad bu’ee Kan kan akkasii nutti dubbatee iyyuu hin galleef Kan jennu nutti fakkaata!
Akkas jedha sagaleen gooftaa
“Namni gorsa tuffatu, ofii isaa in tuffata; namni ifata dhaga’u garuu qalbii in godhata.”
— Fak. 15:32
Malli maali?
Buddeen nyaachuuf gadi taa’een kun natti dhufe!
Madda: Fuula facebook Taarraqaa Abarraa