
Ibsa guyya har’a minsteerri ministeera barnootaa Pirofeeser Birhanuu Naggaan kennaniin qormaata bara darbeefi bara kanaa ilaalchisee bara darbe haaraa eegalle sababa ta’eef rakkinni hedduun nu mudatus bara kana haala gaariifi sirna bulchiinsa qormaataa akkasumas hanna hambisuu irratti foyya’iinsa guddaan argameera jedhan. dabalataan qormaati bara kanaa ji’a caamsaa keessa kennuuf akka karoorfatames ibsaniiru.
Wagga dhufu qormaati kutaa 12ffaa bifa walmakaa jechuunis bakka netwoorkiin hin jirretti waraqataan bakka neetworrkiin jirutti “online” kennuuf qophofneerra jedha Ibsi guyyaa har’a Minesteera Barnootaan kenname.
Qormaata seensaa Yuunivarsitii bara kanaa barattoota dhibbantaa 3.2 qofatu darbe.
Akka walii galaatti barattoonni dhibbantaa 50 ta’an dhibba irraa 26 galmeessan.
Qabxii olaanaa Saayinsii Uumamaa 649; Saayinsii Hawaasummaa 533 jedhamee galmaa’ee jira.
Manni barumsaa Addis Ababa Ledta Cruz qabxii 649 fi Manni barumsaa Markos Addis Alemayehu qabxii 533 galmeessaniiru.
Madda:Tikvah