Dubartiin maqaan ishee Saalamaa Maashaa jedhamtu ijoolleeshee shan amantaa ‘beelaan ajjeesi’ jedhu jalaa baqachuun oolfatte jirti.
Namni Paastar Pool Maakenzii ofiin jedhu bara 2003 keessa ture kan Waldaa Guud Niwuus Intarnaashinaal jedhamu hundeesse
Bara 2019tti ammoo waldicha erga cufeen booda hordoftoonni isaa gara Shaakaaholaa, kan inni ‘Lafa Qulqulluu’ haaraa jedhee waamu isa waliin akka deeman gaafate.achittis namni Nyaata lagachuudhaan Tsoomuu akka qabuu fii yoo beela’es du’uun gara Gooftaa akka dhaqu dubbatti. Achittis yesuus waliin wal argu jedha namichi.
Abbaan manaa Saalamaa garuu kanneen waamicha kana fudhatan keessaa tokko ture.
Mucaanshee angafaa, Amaaniin waggaa saddeeti. Saalamaanis ‘jannata galuuf’ ajaja fudhattee nyaata lagachuu eegalte.
Makeenzii yeroo dheeraadhaaf addunyaa tun yeroo dhihootti akka baddu hordoftootasaatti himaa ture.
Jalqaba badii irraa akka oolaniif waan nama dhibu bosona akka dahootti kenneef. Garuu ammoo bakkichi lafa itti namoonni ‘dhuma addunyaatiin dura’ itti jannata galan ta’e.
Nyaata lagannaa guyyoota torbaatiin booda, Saalamaan kun fedha waaqaa akka hin taaneefi ganaa addunyaa kanarratti hojii hojjattuu akka qabdu Waaqarraa itti dubbatamuu himte.
Naannoo isheetiin namoonni du’aa turan. Yeroo tokkos sirna awwaalcha daa’ima saddeetii irratti hirmaattee jirti. Innis gara ”irriibaa” deeman jedhama ture.
Garuu isaanis erga ”daa’imti teenya hin dunee, awaalcha warra kaanii irratti hirmaachu dhaabu qabda,” jedhamu himti.
Akka ajaja Maakenziitti, dura deemuu kan qaban daa’immaniidha jedhu kanneen lubbuun oolan.
Achiin warra hin funeefi hin heerumne, dubartoota, dhiiroota, dhumarratti ammoo dureewwan waldaatu du’u qaba.
”Daa’imman yoo bohaniifi nyaataa naaf kennaa jedhanii gaafatan, deemanii janata keessaa akka nyaataniif uleen akka reebnuuf nutti himan” jetti Saalamaa.
”Kanaafu, itti yaadeen haala kana gochu akka hin dandeenye hubadhe. Osoo ijoolleenkoo beela’anu ani soorachu hin danda’u. Yoo nyaata lagadhuutti akkasiin yoo natti dhagahame, kan ijoolleekoo akkam ta’e? jedheen of gaafadhe.”
Egaa dubartiin salaamaa jedhamtu kun du’a jalaa ofii isheef maatii ishee kan baste tahuu dubbatti.
Madda oduu: BBC Afaan Oromoo