
Paastariin Keeniyaa Maakeenziin jedhamu Kan Gara Jabeenya Guddaatiin Guutame Hordoftoonni isaa akka Tsooman erga Ajajee booda… Hordoftoonni isaa kun Tsoomni erga itti baayyatee beela’anii du’uu eegalan.. innis Akkas jedhee Hordoftoota isaa waayee namoota du’aa jiranii irratti yaada kenne… kunis namni yesuusiin Arguu barbaade haa tsoomu sana booda ni du’a Yesuus waliin wal agartaa jedhe. Kanumaan wal qabsiisee haati daa’imaa illee daa’imni ishee yesuusiin akka agartu yoo feete mucaa ishee tsoomsiftee akka du’u gooti.
Paasteriin kun waanti inni godhu namootni qabeenya isaanii dhaan gara mana waldaa isaa fidanii sana booda namooti beelli isaan qabe immoo akka du’aniif jajjabeessa.kanaafuu Daa’imman Beela’anii gaafa boo’an Akka du’aniif jajjabeessa.
Egaa dhimmuma kanaan wal qabsiisee Perezedaantiin Keeniyaa William Ruuttoonis akka jedhanitti.. Amantaan Hordofu keessatti gochi akkasii raawwatamuutti nan gadda.. namoonni 200 ol miidhamuu fi akkasumas 600 ol achi buutee isaaniin wal qabatee rakkoo mudateef Itti gaafatamummaa isaa nan fudhadha dhiifamas nan gaafadha jechuuun dhiifama gaafatanii jiru.
Kana malees Poolisii fi Qondaaltoonni basaasaa dafanii dureewwan amantii gocha kana raawwatan bira gahuu dadhabuu isaaniitti komataniiru.
Madda Oduu:BBC Afaan Oromoo