
Koomeediyaan Soraa Abdataa Adoolessa 19/2015 galgala Boqochuu isaan wal qabatee odeeffannoon heeddduun ba’aa jiru.haa tahu malee odeeffannoo baayyeen dhugaa irraa kan fagaatan yoo tahu,
Odeeffannoo Amanamoo Hanga ammaatti dhimma Koomediyaan Soraa Abdetaa irratti ba’an madden qabatamoo irraa kan walitti qabanne akka armaan gadiitti qindeessineerra.
1ffaa: Hoteelli #Avola kan Soraan keessatti du’ee argame cufameera. Abbaan Hoteelaa fi hojjattoonni to’annoo jala oolanii, Hoteelichi qaamolee nageenyaan eegamaa jira. kana qaamaanin arge. Qorannoon bal’aanis akka irratti geggeeffamaa jiru odeeffadheera.
2ffaa: Intalli Soraa bira turte jedhamte qorannoo cimaadhaaf qaama olaanaatti dabarfamteetti. Odeeffannoo isheerraa argameenis hordoffiin godhamaa jira.
3ffaa: Ogeessonni seeraa, Namoonni Ogummaa isaaniitiin Teelee, #Security fi kkf keessa jiran dhimma soraa itti dhiyeenyaan hordofaa jiru. Dhugaa isaa baasuufis waan danda’an mara akka gochaa jiran nuuf himaniiru.
4ffaa:Qorannoon Hospitaalaa fi Odeeffannoon Hojjattoota Hoteelichaa irraa argame wal qabsiifamee haqa Obboleessa keenyaa baasuuf gama hundaan tattaafii gochaa jiru.
Hanga ammaatti ( Adoolessa 21/2015) odeessi qabatamaan argame kana dha.
Odeeffnnoo qabatamoo madden amanamoo irraa argannee hordofnee isin biraan geenya.
Madda odeeffannoo: Fuula facebook Alex Taye