Tooftaalee Ittiin Maxansi ykn “Post” n keenya namoota bira akka gahuuf nu gargaaran.
1ffaa:Maxxansi keenya Namoota Akkamiif akka fayyadu jechuunis dhimmi maxxansinu kan ilaalu namoota akkamii akka ta’an beekuu qabna. Fedhii maammila keenyaa irratti hundoofnee hojjechuu qabna.kanaaf waanti maxxansinu kamiyyuu Fedhii maammila ykn hordoftoota keenyaa giddu galeeffachuu qabna.
2ffaa: Seerota Facebook eeguu qabna. Kana jechuun Maxxansi keenya Seera Facebook ni cabsa yoo tahe akka maxxansi keenya namoota heedduu bira hin geenyeef facebook n Nu daangessa. Yeroo kana maxxansi keenya namoota heedduu bira hin gahu jechuu dha.
Kanaaf Suuraalee akkasumas jechoota safuu dhaa fi seera facebook hin eegne irraa of eeggachuu qabna.
3ffaa:Yeroo ittii maxxansinu Beekuu qabna.
Namooti baayyeen Callisaniima Waan isaanitti dhufe maxxansaa oolu. Kun sirrii miti. Kanaaf Hordoftoonni keeny Sa’atii meeqatti Internet fayyadamu, sa’atii Meeqatti Maxxansakoo yoon maxxanse arguu danda’u jennee Qorannoo erga geggeessinee booda Sa’atii fedhiin Hordoftoota keenyaa Baayyee ta’etti maxxansuudha.
4ffaa:Yeroo yeroodhaan maxxansuu: kana jechuun Namooti tokko tokko Torbeetti al tokko qofa maxxansu, tokko tokko immoo ji’atti altokko maxxansu,yeroo kana Facebook n keenya ni dagatama. Kanaaf guyyaatti maxxansa 2-5 yoo maxxansitan gaariidha.
5ffaa:Maxxansa tokko irra deddeebiin maxxansuu dhiisuu:kana jechuun Maxxansa tokko al takka maxxansitee namooti bayyeen jaallatan yoo tahe, qabiyyee haaraa fiduu qabda malee waanuma tokko irra deebitee maxxansuun sirii miti.
Madda odeeffannoo: Kan dubbisne irraa.