
Ijoolleen Obbolooti Lama Haadha Buddeenaatiin Ajjeefamanii jiru.
Waan miira namaa tuqutuu Magaalaa Shaggar kutaa Bulchiinsaa Buraayyuu keessatti raawwatame. Haati biddeenaa ijoollee obbolaa lama suurri isaanii armaan gaditti argamu kana haala suukkanneessaadhaan ajjeefte. Utuu ta’ee silaa haati buddeenaa jechuun dahuu baattullee haadha ofiirraa addaan hin baafamtu ture. Haadhummaa agarsiistee haadhummaadhaanis waamamti turte. Namuu kanumaan beeka. Amma immoo isa kanaan faallaa fagoo ta’e, isa gurri namaa dhaga’eeyyuu suruuramu raawwatte. Gara jabummaa daangaan qabneen Obbolaa lamaan yeroo tokkichatti fixxe. Obbolaan durbaaf dhiiraa aduu tokkorra gaggalaafatte
Hedduu nama gaddisiisa
Adabbiin du’aa namoota akkasiif hamma hin laatamnetti murtiin madaala eeggate waan hin mul’anneef Wabiin jiraachuu daa’immanii hir’uu ta’a. Barumsa fooyya’insaa kan kennu ta’ees daangaa gocha cigaasisaa lammiileerratti raawwatamu hin eegu!
Waaqayyo Lubbuu Ijjoollota kanaaf Boqonnaa haa kennu. Maatii isaaniif jajjabina jenna
Madda : Yandoo Media facebook page