Tue. Jan 14th, 2025

Loading

   Jireenya kee keessatti Namoota 3 (Sadan) kana hin dagatiin

1.Nama Miidhama Kee keessatti Si dagate:  Namni kun Nama Yeroo Ati qabdu si jaallatee gammachuu kee qofa si waliin qooddatee ,Garuu yeroo gaddakee si dagatudha.Namoonni Akkasii Jaalalli isaanii Haala irratti hundaa’aa. Namoota akkasii kana irraa of eeggachuutuu barbaachisa.

2. Nama Rakkina keessa Si buuse: Namni kun nama Akka ati Rakkinaaf Saaxilamtuuf Sababa ta’e dha.

Namni kun sitti dhiyaachuun haalota kee erga hubatee booda karaa Ati itti kuftu barbaaduun rakkinaaf si saaxila.

Sababiin isaas Namni kun bakka jabina keef Laafina kee beeka waan ta’eef.

Kanaaf Mullata kee namoota baayyeetti himuu irraa of qusadhu. Nama jaalladhu malee hin amaniin

3. Nama Rakkina keessatti harka si qabu: Namni kun Nama waaqayyo kennaa godhee siif kennedha. Namoonni akkasii muraasadha. NAmni kun Gammachuu kee qofa osoo hin taaane, GAddaaf dhiphina kees nama si waliin hirmaatuu fi miidhama kee keessatti nama sin dhiifne dha. Nama akkasii argachuun ni Ulfaata.

By alexoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *