Guyyoota 6 dura Hatamtee kan fudhatamtee turte daa’imni waggaa 2 Sooliyaanaa Daani’eel hordoffii taasifameen Suluultaatti argamte
Tibba darbe guddiftuu isheen hatamtee kan fudhatamte daa’imni umrii waggaa 2 Sooliyaanaa Daani’eel, hordoffii Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa waliin ta’uun taasifameen Kutaa Magaalaa Sulultaatti argamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee Beeksise.
Daa’imni Sooliyaanaa Daani’eel Magaalaa Finfinnee naannawaa Saaris Addis Safar jedhamuun beekamu, Kamisa Bitootessa 7, 2015 Guddiftuu yookaan hojjetuu manaa Beezaa Baqqalaa jedhamtuun hatamtee miliqfamuun kan yaadatamuudha.
Poolisiin Magalaa Finfinnees iyyanoo maatii daa’imattiirraa dhiyaate hordofee, Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa waliin qindoomuun, magaalotaa fi naannawaalee garaagaraatti imaluu fi odeeffannoo walitti qabuun hordoffii cimaa taasisaa turuun ibseera.
Haaluma kanaan, Beezaa Baqqalaa Kutaa Magaalaa Sulultaa Aanaa Wasarbiitti mana jireenyaa nama dhuunfaa keessatti bakka daa’imaa Sooliyaanaa Daa’ineeliin dhoksitee jirtutti to’annoo jala oolfamuu beeksiseera.
Shakkamtuunis, ‘Birrii kuma 40 siif kaffalama’ jedhamtee namootaan sossobamuun daa’imattii hattee miliquu dubbatteetti.
Yakkicharratti namoota hirmaachuun shakkaman biroo to’anno jala oolchuuf qorannoon itti fufuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee gama miidiyaa hawaasummaa isaan beeksiseera.
Maatii fi Firoottan mucaa kanaatiin baga gammaddan jenna.
Madda:Fana broad casting corporate,Waliif Tv